Magaalichatti murtoo taaksii ilaalchisee komiiwwan kaffaltoota gibiraarraa ka’an furamaa jiru
Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) –Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee murtoo taaksii ilaalchisee komiiwwan kaffaltoota gibiraarraa ka’an furaan jira jedhe.
Baatiwwan jahaan darban komiiwwan dhiyaatan kuma 13 fi 643 keessaa kumni 11 fi 892 furamuu biirichatti Daayrekterri Qulqulleessa murtoo komii Eermiyaas Daggeen ibsaniiru.
Komiiwwan dhiyaatan keessaa kumni 6 fi 940 fudhatama argachuun fooyyessi taasifamuufii dubbatan.
Akkasuma kanneen faayidaa hin malle argachuuf jecha ogeeyyii biirichaa waliin hariiroo uumuun murtoowwan muraasarratti oodiitii gaggeeffameen murtoowwan murtaa’anii turan akka fooyya’an godhamaniiru jedhan.
Baatiwwan jahaan darban iyyannoo kaffaltoonni gibiraa adabbiin nuuf haa ka’u jechuun iyyatan 262 qorachuu fi ragaa gurmeessuun waliigalaan adabbiin Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 79 olii akka ka’u taasifamuu biirichatti daayrekterri Bulchiinsa Idaa Taaksii Nibrat Barrihuun eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.