Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti rakkoolee boba’aa irratti mudatan furuuf…

Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti rakkoolee boba’aa irratti mudatan furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Magaalichatti waltajjiin marii rakkoolee dhiyeessii boba’aan walaqabatan irratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Kantiibaa Itti aanaa Magaalichaa Jaanxiraar Abbaay, Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Boba’aafi Inarjii Dooktar Dastaaw Makuwaaninti fi Hoggantuu Biiroo Daldalaa Magaalichaa aadde Habiibaa Siraaj dabalatee abbootiin qabeenyaa argamaniiru.

Obbo Jaanxiraar Abbaay wayita kana rakkoolee dhiyeessii boba’aarratti mudatan adda baasuun furmaata kennuuf carraa gaarii uuma jedhan.

Dhiyeessiin boba’aa guddina diinagdee Itiyoophiyaa bu’uura godhate jiraachuu kaasanii, boba’aa haalaan fayadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.

Rakkoo jiru furuuf kallattiiwwan kaa’aman irratti waloon hojjechuu akka barbaachisu eeruun, tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu ibsan.

Sosochiiwwan karaa seeraan alaa boba’aa gurguruuf taasifaman hanqina boba’aa magaalichatti mul’atuuf sababa ta’uu eeraniiru.

Aadde Habiibaa Siraaj gama isaaniin, raabsaa baba’aan walqabatee rakkooleen buufataalee boba’aatti raawwataman hedduudha jedhan.

Rakkoolee kanneen furuuf biirichi hojii hordoffiifi to’annoo cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Boba’aafi Inarjii Dooktar Dastaaw Makuwaaninti ammoo mootummaan boba’aaf baasii olaanaa baasuun gara biyya keessaa galchaa jiraachuu dubbataniiru.

Hanna sadarkaa sadarkaan jiru dhaabsisuufi tarkaanfii barsiisaa ta’e fudhachuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Yashaambal Mihiratitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.