Magaalichatti sosochiin Itiyoophiyaa qulqulluu marsaa 2ffaan eegale
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti qaama sosochii guyyoota 90 kan ta’e sosochiin addaa sadarkaa magaalaa Itiyoophiyaa qulqulluu marsaa 2ffaan eegale.
Sosochichi mata duree ‘Finfinnee Nageenyi ishee eegamee fi Miidhagduu’ jedhuun eegale.
Hoggantoonni, mootummaa Federaalaa, magaalaa Finfinnee, bakka buutoonni hawaasa siiviili, dhiibbaa uumtoonni, itti gaafatamtoonni dhaabbilee idil addunyaa fi ogeeyiin oogaartii saganticharratti argamaniiru.
Dhimmi eegumsa naannoo itti gaafatummaa qaama hundaa ta’uu Daayrekterri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Injiinar Leellisee Nameen ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.