Fana: At a Speed of Life!

Magaalonni Ismaartiin hundaa’uun kenniinsa tajaajilaa guddiseera- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2017 (FMC)- Magaalonni Ismaartiin hundaa’uun kenniinsa tajaajilaa guddiseera jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.

Waltajjiin marii “ Waa’ee Itiyoophiyaa” bu’uuraalee Misoomaarratti xiyyeeffate magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira.

Bu’uuraalee misoomaa diriirsuufi magaalota ammayyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Aadde Caaltuun ibsaniiru.

Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun gamasaaniin, lammiilee miiliyoona 92 fayyadamoo teelekoomiifi lammiilee miiliyoona 52 ammoo fayyadamoo intarneetii taasisuun akka danda’ame dubbataniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Hojiilee Ijaarsaa Itiyoophiyaa Injinar Yoonaas Ayyaaleewu, waggoottan torban darbanitti bu’uuraaleen misoomaa daandii kiiloomeetira kuma 26 ture gara kiiloomeetira kuma 75’tti guddachuu ibsaniiru.

Waltajjicharratti kantiibaa magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juwaar dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi bulchiinsa magaalichaa argamaniiru.

Tasfaayee Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.