Magalaa Asallaatti kenna tajaajila lammummaan namoonni kuma sagalii ol gargaarsa argatan
Finfinnee, Hagayya 6, 2017(FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti kenna tajaajila lammummaa gannaan namoota harka qalleeyyii kuma sagalii fi 500’f deeggarsi akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamuu kennameera.
Namoota kanneeniif deeggarsi meeshaalee barnootaa, uffata halkaniifi beeyladootaa kan kennaman yoo ta’u, mana harka qalleeyyii suphuu fi haaraa ijaaruunis qaama kenna tajaajila lammummaa kanaa ta’uutu ibsame.
Sagantaa kanaan hojii adda addaa Birrii miiliyoona 43 fi kuma 500’tti tilmaamamu hojjechuuf karoorfamee, hojii Birrii miiliyoona 45 fi kuma 800’tti shallagamu hojjechuun akka danda’ame Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayeen ibsaniiru.
Sagantaa kanaan namoota rakkoo adda addaa keessa jiran gargaaruun qooda fudhattoota adda addaa hirmaachisuun itti fufiinsaan raawwatamaa akka jirus himaniiru.
Walgargaaruun hojii gaarii dudhaa sirna Gadaa bu’uureffate, sammuu namaafis boqonnaa kan kennu waan ta’eef, namoonni hundi tumsa kana keessatti dammaqinaan hirmaachuu akka qabanis dhaamameera.
Deggarsi kennameef hojjetanii jireenya isaanii jijjiiruuf kan isaan gargaaru ta’uu warreen deggaraman Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.
Misiruu Turiitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.