Malaammaltummaa ittisuuf ijaarsi naamusa dhalootaa cimee itti fufuu qaba
Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC)- Malaammaltummaa fi hojmaata badaa ittisuuf ijaarsi naamusa dhalootaa cimee itti fufuu qaba jedhe Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa.
Konfiraansiin walitti dhufeenya Komishiniiwwan Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa 14ffaan magaalaa Jimmaatti gaggeeffamuu eegale.
Waltajjicharratti Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Hurkaatoon akka jedhanitti, duula farra malaammaltummaa akka biyyaatti eegalame irratti jijjiiramni mul’achuu eegaleera.
Qabeenyi malaammaltummaan bade deebi’ee yakkamtoonni adabamu isaani eeruun, hojiin ittisaa cimee itti fufa jedhaniiru.
Qaawwa ittisa malaammaltummaa duchuu fi hojii ijaarsa naamusa dhalootaa cimsuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetamuu ta’uus ibsaniiru.
Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa obbo Abdallaa Ogateen gamasaaniin, malaammaltummaan guddinaa fi misoomaaf gufuu ta’uu isaa hubannoo uumuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hojjatamen jijjiiramni argameera jedhan.
Waltajjichan mariin raawwii hojii bara 2017 fi karoora hojii bara 2018 ni gaggeeffama.
Tasfaahuun kabbadaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.