Fana: At a Speed of Life!

Malaammaltummaa ittisuuf kan kennuufi kan fudhatu irratti tarkaanfiin wal fakkaataan fudhatamuu qaba – KNFMO

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Malaammaltummaa ittisuuf kan kennuufi kan fudhatu irratti tarkaanfiin wal fakkaataan fudhatamuu qaba jedhe Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa.

Komishinichi guyyaa har’aa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti leenjii Gamtaa badhaadhinaa, koree KINfi ogeessota deeggersaafi hordoffii dhimma naamusaafi farra malaammaltummaa manneen hojii sadarkaa Naannoof kennaa jira.

Hojii naamusa gaarii dagaagsuuf hawaasa waliin hojjetamaa jiraachuu fi barnoota leenjii hubannoo uumuus yeroo yeroon kennaa jirra jedhan Komishineerri komishinii naamusaafi farra malaammaltummaa Oromiyaa Obbo Abdallaa Oggateen.

Itiyoophiyaan Malaammaltummaa ittisuuf kutannoo siyaasaafi seerota ciccimoo baafattee hojjechaa akka jirtu kaasun, Malaammaltummaa ittisuufis dhaloota naamusa barsiisuu, teeknoloojii fayyadamuufi hawaasa dadammaqsuun barbaachisaadha jedhan.

Oromoo biratti hanni salphina guddaa ta’uu ibsanii, malaammaltummaa ittisuuf namni kennuufi kan fudhatu walfaana adabamuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Seeraan to’achuuf sochii taasifamuun cinatti dhaloota naamusaafi safuun guddisuufi hirmaannaa hawaasaan hojii malaammaltummaa saaxilaa deemuun hojii murteessaa ta’uus himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.