Mallattoo birmadummaa kan ta’e Hidha Guddicha Haaromsaa garaagarummaa tokko malee deeggaruu qabna- SBA
Finfinnee, Hagayya 8, 2017 (FMC)- Mallattoo birmadummaafi guddinaa kan ta’eef Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaanonni hundi garaagarummaa tokko malee deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufan Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa waamicha dhiyeesse.
Sochichi Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa baaseen, mirgi Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee fayyadamuu mariif dhiyaachuu akka hin qabne kaasuun, laga Abbayyaa karaa haqa qabeessa fayyadamuuf mirga guutuu qabaachuu ibseera.
Hojiileen misoomaa kanneen akka inarjii, qonna ammayyeessuufi misooma indaastirii gama pirojektii Hidha Guddicha Haaromsaan biyyattiin hojjettu seera qabeessa qofa osoo hin taane guddina biyyaalessaafi tasgabbii naannawaaf barbaachisaa ta’uu beeksiseera.
Wanti Ijipt laga Abbayyaa irratti tarkaanfachiistu kan yeroon irra darbe, bu’uura kan hin qabneefi Itiyoophiyaan fedhi haqa qabeessa hin taaneen misoomarraa ittifamtee turuu akka hin dandeenye paartichi ibsa isaan hubachiiseera.
Ejjennoo Itiyoophiyaan laga Abbayyaarratti hordoftu seerota idil-addunyaa fayyadamummaa waloo haqa qabeessa irratti kan hundaa’e ta’uu eeruun, Hidhi Guddichi Haaromsaa madda garaagarummaa osoo hin taane hariiroo uummattoota biyyoota yaa’aa kan uumudha jedhe.
Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa garaagarummaa siyaasaa keessoo ol ta’uufi dhimma misoomaa, birmadummaafi nageenya biyyaalessaa waan ta’eef Hidhicha eeguun itti gaafatamummaa waloo Itiyoophiyaanotaa ta’uu ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.