Fana: At a Speed of Life!

Manneen Murtii teeknooloojiitti fayyadamuun hawaasni tajaajila si’ataafi qaqqabamaa akka argatu taasisa

Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa bu’aafi dhiibbaa teeknooloojiin sirna seeraa Itiyoophiyaa keessatti qaburratti  sinpooziyeemii qorannoo biyyaalessaa 3ffaa gaggeesseera.

Daayrekterri Ol’aanaan Inistiitiyuutichaa obbo Oliyaad Yaaddessaan, sinpooziyeemiin kun kenniinsa tajaajila haqaa teeknooloojiin deeggaramee bu’aa barbaadamuuf akka ooluuf  murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Guddinni biyyaa akka itti fufuufi tajaajilli wal fakkaatan iddoo hundatti akka kennamu taasisas jedhan.

Itti aanaan Daayrektara Ol’aanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo gamasaaniin, manneen murtii teeknoloojiitti fayyadamuun hawaasni dadhabbiifi ifaajee tokko malee tajaajila akka argatan kan taasisu ta’uu kaasaniiru.

Kana milkeessuuf qaamoleen qooda fudhattootaa hundi gahee isaanii akka bahatan dhaamaniiru.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.