Fana: At a Speed of Life!

Manni amantichaa hojiilee misoomaa magaalicha keessatti hojjetamu tumsuu cimsee itti fufa

Finfinnee, Caamsaa 22, 2017 (FMC) – Manni Amantaa Ortodoksii Waloomaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamuuf tumsa hundagaleessa taasisuu cimsee itti fufa jedhan abbootiin amantichaa.

Abbootii eebbifamoon Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannichaan boodas Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin dhimmoota adda addaarratti mari’ataniiru.

Abbootiin keenya qulqulluu jijjiirama irraa eegalee magaalaa keenyatti hojiilee misoomaa mootummaan raawwate daawwachuun hojiilee hojjetamaniif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru jedhan aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech, magaalaa guddoo Ardii Afrikaa fi giddugala diippiloomaatikii hawaasa idil addunyaa kan taate Finfinnee caalmaatti jijjiiruuf kutannoo qaban Abbootii eebbifamoo kanneeniif mirkaneessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.