Manni Kitaabaa Abrihoot giddugala beekumsaa ta’aa jira – Kantibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Manni Kitaabaa Abrihoot giddugala beekumsaa ta’aa jira jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech siistama diijitaalaa tajaajila mana kitaabichaa caalmaatti guddisu eegalchiisaniiru.
Manni kitaabichaa erga hojii eegalee madda beekumsaa ta’uun tajaajilaa jiraachuu eeran.
Dhaloota beekumsaan ga’oome horachuun ammoo imala badhaadhina Itiyoophiyaaf bu’uura ta’uu dubbatan.
Riqicha beekumsaa ta’uun tajaajila bal’aa kennaa akka jiru eeruun, siistamni diijitaalaa kun eegaluun ammoo qulqulinaa fi dandeettii kenniinsa tajaajilaa caalmaatti gabbisa jedhan.
Yeroo itti aanu manni kitaabichaa lammiileef tajaajila sa’aatii 24 akka kennu taasisuun dubbisaaf haala mijataa uumaa jechuun dubbatan.
Manni Kitaabaa Abrihoot erga hojii eegalee waggoota 4 lakkoofsiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.