Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Yaa’ii waliigalaa gaggeessaa jira
Finfinnee, Adoolessa 10, 2017 (FMC)- Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Yaa’ii ariifachiisaa waliigalaa 3ffaa gaggeessaa jira.
Yaa’ichi bakka koreen hojii raawwachiistuu fi miseensoonni yaa’ii waliigalaa argamanitti gaggeeffamaa jira.
Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaan wayita kanatti, waggoottan sadan darban hojiileen hedduu hojjetamaniiru jedhan.
Itti gaafatamummaa waggaa sadii dura fudhatane sirnaan bahachaa jiraachuu ibsuun, gaaffiileen hawaasa muslimaa hedduu deebii akka argatan taasifamaniiru.
Yaa’ichaan adeemsa filannoo hawaasni muslimaa gaggeesse gamaaggamuun bara hojii itti aanuuf kallattiin ni kaa’ama jedhan.
Sa’aadaa Geetaachootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo