Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 4, 2017( FMC)- Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii 4ffaa gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichaan gabaasa raawwii karoora bara baajataa 2017 fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo karoora bara baajataa 2018 irratti akka mari’atamu ibsameera.

Gabaasa odiitii bara baajataa 2017 Odiitara Olaanaa Bulchiinsa Magaalichaa dhaggeeffachuun akkasumas  gabaasa raawwii karoora manneen murtii Bulchiinsa Magaalichaa irratti mari’achuun ajandaalee yaa’ichaati jedhameera.

Dabalataanis labsii lakkoofsa 84/2016 aangoofi hojii qaamolee raawwachiistotaa murteessuuf irra deebiin baheefi wixinee labsii baajataa bara 2018 irratti kan mari’atamu ta’uus eerameera.

Xumurarrattis Manni Marichaa yaa’ichaan muudamoota garaagaraa ni raggaasisaan eegama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.