Manni Maree Magaalichaa Baajata Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 50 raggaasise
Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Baajata bara 2018 Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 50 raggaasise.
Manni marichaa yaa’iisaa guyyaa lammaffaan baajata bara baajataa 2018 raggaasiseera.
Hogganaan Biiroo Faayinaansii bulchiinsa magaalichaa Abdulqaadir Reedwaan ibsa baajatichaa mana marichaaf dhiyeessaniiru.
Baajatni waliigalaa magaalichaa Birrii biiliyoona 300fi biiliyoona 50 fi miiliyoona 100 yoo ta’u, kan bara darbee waliin yoo madaalamu Birrii biiliyoona 100 fi fi miiliyoona 800 caalmaa qaba.
Baajata waliigalaa bara kanaa keessaa Birrii biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 43 galii biyya keessaarraa kan sassaabamu ta’uu ibsaniiru.
Baajatichi hiyyummaa hir’isuuf, misooma waaraaf, carraa hojii uumuuf, tajaajiloota gaaffilee uummata magaalichaarra ka’aa turaniif deebii kennuufi deeggarsa dhiyeessiif kan oolu ta’uus hubachiisaniiru.
Haaluma Kanaan hojiilee misooma kooriidarii eegalaman xumuruu, hojii misooma manneenii, tajaajila geejjibaa, waliingahiinsa bishaan dhugaatii, karoora tarsiimawaa, misooma bu’uuraa daandiifi hojiilee misoomaaa biroo ilaalcha keessa kan galche ta’uus ibsaniiru.
Baasiin mootummaa irra caalaan hojiilee galmoota misooma waaraa mirkaneessaniif kan oolu ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.