Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa Dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Caamsaa 13, 2017(FMC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 45ffaa har’a taa’een dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarse.

Jalqabarratti manni marichaa wixinee labsii bulchiinsaafi tajaajila ekisteenshinii qonnaa qooda fudhattoota hedduu irratti mari’ate.

Waggoottan darban tajaajilli ekisteenshinii qonnaa mootummaa qofaan kennamaa akka tureefi fedhiin damichaa guddachaa waan dhufeef hojimaanni dhaabbilee miti-mootummaa, damee dhuunfaafi waldaalee hojii gamtaa hirmaachisuu diriirsuun barbaachisaa ta’uu manni marichaa kaaseera.

Wixinee labsii kanarratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.

Itti aansuun manni marichaa kan mari’ate wixinee labsii kaffaltii tajaajila sirna naannoo irratti yoo ta’u, Itiyoophiyaatti hojimaata kaffaltii tajaajila sirna naannoo ilaalchisee hammattoon seeraa waan hin turreef haala walfakkaataa hin taaneen qaamolee garaagaraan hojiirra oolaa turuu yaadachiiseera.

Sadarkaa guddinaa yeroo ammaa irra gahameen hammattoon seeraa dhaabbilee federaalaafi naannolee, damee dhuunfaafi miti-mootummaa ilaalcha keessa galche jiraachuun barbaachisaa akka ta’e manni marichaa eereera.

Manni marichaa wixinee labsii kanarratti erga mari’ateen booda Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamuuf sagalee guutuun murteessuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.