Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa Dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 48ffaa har’a taa’een dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa jalqabarratti kan mari’ate wixineewwan labsii deeggarsa maallaqaafi waliigaltee liqaa raggaasisuuf dhiyaatan lama mootummaan Itiyoophiyaa Waldaa Misoomaa Idil-addunyaa waliin hojiirra oolmaa  imaammata guddina misoomaa waaraafi hammataa 2ffaaf kan oolu ‘SDR’ 258,100,000 fi hojiirra oolmaa piroojektii misooma daandii saffaisaaf kan oolu ‘SDR’ 27,300,000.00 irratti.

Liqiiwwan lameen dhalarraa bilisa, kaffaltiin tajaajilaa %0.75 kan itti kaffalamu ta’ee yeroo dheeraa keessatti kan kaffalamani.

Manni marichaas waligalteewwan kunneen tarsiimoo bulchiinsa liqaa biyattii waliin kan wal simatan ta’uu mirkaneessuun sagalee guutuun raggaasisuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamuuf murteesseera.

Itti aansuun manni marichaa kan irratti mari’ate labsii galii gibiraa federaalaa fooyyessuuf ba’erratti yoo ta’u, labsiin galii gibiraa federaalaa duraan ittiin hojjetamaa ture haala diinagdee biyyaalessaafi idil-addunyaa waliin yoo ilaalamu hanqinaalee hedduu kan qabu waan ta’eef seerota labsichaa fooyyessuun haala sirni taaksii qajeeltoowwan taaksii milkeessuu danda’aniin bocuun barbaachisaa ta’ee waan argameef labsichi fooyya’ee mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichaas labsii fooyya’e kanarratti erga mari’ateen booda sagalee guutuun raggaasisuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamu murteesseera.

Xumurarratti manni marichaa kan mari’ate waliigaltee gam-lamee Mootummaa Rippaabiliika Federaalawaa Naayijeeriyaa waliin Dippiloomaatikiifi namoota paaspoortii sarvisii qabataniif viizaa hambisuuf mallattaa’e irratti.

Waliigaltichi anga’oonni olaanoon mootummaa, dippiloomaatonniifi lammiileen biyyoota lameenii dhimma hojiif wayita socho’an viizaa argachuuf haaldureewwan barbaachisaniifi yeroo itti fudhatu hambisuun akkasumas hariiroo gam-lamee cimsuu keessatti faayidaa guddaa qabaachuu waan itti amanameef mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichaas waliigalticharratti erga mari’ateen booda sagalee guutuun raggaasisee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamuuf murteesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.