Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse
Finfinnee, Caamsaa 21, 2017(FMC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 46ffaa har’a taa’een dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarse.
1. Manni marichaa jalqabarratti kan mari’ate hammattoo diinagdee gooroofi fiiskaalaa bara giddugaleessaa 2018-2022 irratti.
Hammattoon kun bu’uura galii mootummaa babal’isuun baasii uwwisuufi tattaaffii diinagdee gooroo tasgabbaa’aa mirkaneessuuf taasifamu kan deeggaru, gama sassaabbii galii mootummaafi ramaddii qabeenyaanis kallattiiwwan imaammataa akeekuun ka’umsa qophii baajataa bara baajataa itti aanuu ta’ee akka tajaajiluuf qophaa’ee kan dhiyaatedha.
Manni marichaas hammattoo kanarratti erga mari’ateen booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.
2. Itti aansuun manni marichaa kan mari’ate waliigalteewwan deeggarsa faayinaansii lama; Baankii Arabaarraa Misooma Diinagdee Afrikaafi Waldaa Misoomaa Idil-addunyaa waliin mallattaa’erratti.
Deeggarsi Baankii Arabaarraa argame Doolaarri miiliyoonni 49 fi kumni 500fi kumni 50 Paarkiiwwan Indaastirii Qonnaa waliin walitti hidhuun pirojektii dargaggootaaf carraa hojii uumuu hojiirra oolchuuf kan oolu yoo ta’u, kaffaltiin dhalaa gadi aanaan kan kanfalamuufi yeroo hafuura fudhannaa waggaa 5 dabalatee waggoota 20 keessatti kanfalamee xumurama.
Deeggarsi “SDR” miiliyoona 45 fi kuma 100 Waldaa Misooma Idil-addunyaarraa argame kenniinsa tajaajila fayyaa dubartootaafi shamarranii fooyyessuuf kan oolu yoo ta’u dhalarraa bilisa, kaffaltiin tajaajilaa %0.75 kan itti kaffalamuu fi yeroo hafuura fudhannaa waggaa 6 dabalatee waggoottan 38 keessatti kaffalamee kan xumuramudha.
Manni marichaas liqaawwan kunneen tarsiimoo liqaa biyyattii waliin kan wal siman ta’uu mirkaneessuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfaman sagalee guutuun murteessera.
3.Manni marichaa wixinee dambii kaffaltii tajaajila bobbii alaaf kaffalamu murteessuuf baherratti mari’ateera.
Ministeerri Hojii fi Ogummaa baasii tajaajilichaaf baasu uwwisuun galii biyya keessaa guddisuu akka danda’u wixineen dambii kaffaltii tajaajilaa kun qophaa’uun dhiyaatera.
Manni marichaas dhimmicharratti bal’inaan erga mari’atee booda dambichi guyyaa Gaazexaa Nagaariti irratti maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.
4.Akkasumas manni marichaa wixinee labsii bobbii hojii biyyoota alaa dhiyaaterratti mari’ateera.
Mirga, nageenyaa fi kabaja lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota alaatti hojiirratti bobba’an waaraan mirkaneessuuf, akkasumas Itiyoophiyaan faayidaa damicharraa argattu sirnaan akka argattu dandeessisuuf wixinichi qophaa’eera.
Manni marichaas wixinicharratti gadi fageenyaan erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteessera.
5. Dhumarrattis manni marichaa wixinee labsii eegumsaa fi Kuwaaraantii biqiltootaa ilaalchisuun qophaa’erratti mari’ateera.
Sirna eegumsaa fi akeekkachiisa maxxantuuwwan teeknooloojiin deeggarame diriirsuu,bu’aa fi to’annoo biqiltootaa guddisuu, akkasumas maxxantuuwwan gara biyya keessaa galuun akka hin babal’annee hojii eegumsaa fi to’annoo caalmaatti guddisuuf akka danda’amu wixineen kun qophaa’uun mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaas wixinicharratti gadi fageenyaan erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteessera.