Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Caamsaa 28, 2017(FMC)- Manni Maree Ministirootaa Walgahii idilee 47ffaa har’a gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarse.

Jalqabarra manni marichaa kan mari’ate Wixinee labsii baajata mootummaa federaalaa bara baajataa 2018 irratti.

Baajatni mootummaa federaalaa bara baajataa 2018 galmoota karoora misoomaa waggoottan kudhaniin qabaman haala raawwachiisuun, oomishaafi oomishtummaa haala guddisuun, lammiilee sababoota uumamaafi namtolchee qe’eerraa buqqa’an haala deeggaruun, hammattoo diinagdee gooroo bara giddugaleessaa 2018-2022 fi fiisikaalaa bu’uureffachuun akkasumas raawwii sagantaa baajataa bara baajataa 2017 gamaaggamuun qophaa’ee kan dhiyaate ta’uun ibsameera.

Bu’uuruma Kanaan baasii idilee mootummaa federaalaaf, baasiiwwan kaappitaalaaf, deeggarsa naannoleef kennamuu fi galmoota misoomaa waaraa raawwachiisuuf baajatni tiriiliyoona lamatti siqu dhiyaateera.

Manni marichaas wixinee labsii kanarratti erga mari’ateen booda galtee itti dabaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamuuf sagalee guutuun murteesseera.

Dhumarratti manni marichaa wixinee labsii Istaartaappii irratti kan mari’ate yoo ta’u, wixineen labsii kun dirree istaartaappii uumuun istaartaapponni kan ittiin hundaa’an, socho’aniifi teeknooloojii hojiirra oolchuun oomishaalee haaraa kan ittiin oomishaniifi tajaajiloota kennan akkasumas rakkoo dhiyeessii faayinaansii damichaa furuu haala dandeessisuun qophaa’ee kan dhiyaatedha.

Manni marichaas wixinee labsii kanarratti erga mari’ateen booda Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamuuf sagalee guutuun murteessuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.