Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenyaa Naannoo Amaaraa haala nageenya naannichaa gamaaggame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC)- Manni Maree Nageenyaa Naannoo Amaaraa haala nageenya naannichaa gamaaggameera.

Gamaaggamichaan haalli nageenyaa naannichaa yeroo gara yerootti fooyyaa’aa dhufuu ibseera.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Amaaraa Dooktar Mangashaa Faantaawu ibsa taasisaniin, Manni marichaa haala waliigalaa nageenya naannichaa gamaaggameera jedhan.

Qaamoleen hidhatanii cakkaa keessa socho’aa turanis karaa nagaan galaa jiraachuu fi hoggansa fudhachuun gara hawaasaatti makamaa jiraachuu himaniiru

Hidhattonni karaa nagaa filatan ummanni keenyaa nagaa argachuu qaba jechuun sochiilee idileetti makamaa jiraachuu dubbataniiru.

Manni Marichaa hojiilee hidhattoota karaa nagaa filatan deebisee dhaabuuf hojjetamaa jiruus gamaaggamuu kaasaniiru.

Hojiileen hidhattoota deebisanii dandamachiisuu cimee itti fufuu akka qabuus eeraniiru.

Nageenya waaraa naannicha keessa jiru caalmaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachiisaa ta’uu isaan kallattiin kaa’amuu ibsaniiru.

Akkasumas Manni Maree Nageenyaa hojiilee damee Barnootaafi Misoomaa gamaaggamuu himaniiru.

Hojiileen misoomaa fi Barnootaa cimanii akka itti fufaniif xiyyeeffannoon addaa kennamuufi akka qabu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.