Manni Marichaa baajata Birrii Tiriiliyoona 1.93 raggaasise
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa har’a taa’een wixinee labsii baajata bara 2018 Birrii Tiriiliyoona 1.93 ta’uun dhiyaate raggaasise.
Baajatichi labsii Lakkoofsa 1390/2017 ta’uun sagalee guutuun raggaa’eera.
Baajatni bara 2018 kun kan 2017 caalmaa Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 94 qaba.
Baajata ragga’e keessaa Birrii tiriiliyoona 1 fi biiliyoonni 200 baasii idileef , Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoonni 15 fi miiliyoonni 200 baasii kaappitaalaaf, Birrii biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 15 Mootummaa Naannolee fi Birrii biiliyoonni 14 galmoota misooma waaraa naannoleef kan oolu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.