Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa deeggarsa Dhaabbilee Diimokiraasiif taasisu cimsee itti fufa-Afyaa’ii Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC)- Dhaabbilee Diimookiraasii bilisaa fi walabaa ijaarsa biyyaa cimaaf gahee qaban caalmaatti guddisuuf Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa deeggarsa isaa cimsee itti fufa jedhan Afyaa’iin Mana Marichaa Taaggasaa Caafoon.

Raawwii riifoormii dhaabbilee Diimookiraasii itti Waamamtoota Mana Maricharratti waltajjiin waloo gaggeeffamaa jira.

Afyaa’ii Taaggasaan waltajjicharratti ergaa dabarsaniin, kabajamuu Mirga namoomaa fi Diimookiraasii lammiileef gaheen dhaabbilee Diimokiraasii Olaanaadha jedhan.

Dhaabbileen kunneen ittigaafatamummaa isaanii akka bahataniif rakkooleen seeraa fi gurmaa’insarra jiran akka sirrataniif hojiileen riifoormii hojjetamuu kaasaniiru.

Dhaabbileen Diimookiraasi ijaarsa biyyaaf gahee ijoo qaban caalmaattii guddisuuf manni marichaa rakkoolee raawwirratti mudachuu danda’an furuuf murannoon kan hojjetu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.