Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa hojii seera baasuu, to’annoo fi hordoffii qorannoon deeggaruun hojjechaa jira

Finfinnee, Adoolessa 3, 2017 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa hojii seera baasuu, to’annoo fi hordoffii qorannoon deeggaruun hojjechaa jira jedhan Af Yaa’iin mana marichaa obbo Taaggasee Caafoon.

Konfiraansiin waggaa qorannoo fi qo’annoo Paarlmaa 5ffaan mata duree ‘Sirna Paarlaamaa cimaa fi hammataa beekumsa mandhalee fi misooma waaraaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Aadaa qorannoo guddisuun guddina itti fufaa, qabeenya diingadee cimaa fi guddina waaraa mirkaneessuuf murteessaadha jedhan obbo Taaggasaan yaa’icharratti.

Yaa’iichi manni marichaa hojiilee imaammatoota, seerotaa, deeggarsaa fi to’annoo gaggeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu kaasan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa hojii seera baasuu, to’annoo, bakka bu’ummaa ummataa, hordoffii fi hojiileen dippiloomaasii Paarlaamaa qorannoon akka deeggaraman taasisuun gaaffilee ummataa deebisuuf hojjechaa jira jedhan.

Gaaffiilee fi komii ummataa qorannoo fi qo’annoon adda baasuun seeraa fi imaammataalee keessa galchuun furmaanni waaraa akka itti kennamu hojjetamaa jiraachuu himuun,manni marichaa hariiroo dhaabbilee qorannoo waliin qabu caalmaatti cimsee itti fufa jechuun dubbatan

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.