Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaafi naamuusa filannoo raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 10, 2017(FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaafi naamuusa filannoo raggaasise.

Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa 2ffaa har’a taa’een labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaafi naamuusa filannoo fooyya’e  raggaasiseera.

Labsiin kun hirmaannaa dubartoonni, dargaggoonniifi qaama miidhamtoonni siyaasa keessatti qaban kan cimsuu ta’uun ibsameera.

Kana malees koree dhageeffattuu  komii kanaan dura buufata filannoo irra ture gara naannoo filannootti akka ta’u kan taasise jedhameera.

Galmeen filattootaa teeknooloojiin kan deeggarame akka ta’u, muuxannoowwan idil-addunyaa kan hammateefi hanqinoota adeemsa filannoofi galmee paartilee siyaasaa keessatti mudatan kan maqsu ta’uun eerameera.

Labsichi Paartii siyaasaa biyyaalessaa ta’uuf deeggarsa naannolee 6 qabaachuu kan dirqisiisu akka ta’es ibsameera.

Labsiin kun labsii 1394/2017 ta’uun sagalee caalmaan ragga’eera.

Zufaan Kaasaahuuntu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.