Manni marichaa wixinee labsii waliigaltee Liqaa Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 50 raggaasise
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixilee labsii waliigaltee Liqaa Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 50 Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waldaa Misooma Idil Addunyaa gidduutti taasiifame raggaasise.
Waliigaltee Liqaa Imammata misooma diinagdee hunda galeessa marsaa 2ffaa raawwachiisuuf qaamolee lamaan gidduutti mallattaa’e qorachuun raggaasiseera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a walga’ii addaa 2ffaa, bara hojii 4ffaa marsaa 6ffaa gaggeesseera.
Liqaan kun dhalarraa bilisa ta’ee yeroo dheeraa keessatti kan kaffalamu ta’uu Ministirri Ministira Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen mana marichaaf ibsa taasisaniiru.
Riifoormii diinagdee Itiyoophiyaa jijjiirama qabatamaa galmeessuu hordofee waliigaltee liqaa taasiifameedha jedhan.
Waliigaltichi fooyyessa Diingadee Gooro caalmaatti cimsuu fi raawwachiisuuf yaadamee kan qophaa’e akka ta’e eeran obbo Ahimad Shiideen.
Manni marichaa ibsa dhiyaatee dhaggeeffachuun yaada galtee dabalataa erga kennee booda wixinicha raggaasiseera.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.