Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Adaa nageenyii fi sirni rakkoo waliin furuu akka dagaagu gargaareera 

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017(FMC) – Manni Murtii Aadaa hawaasni rakkoo isaa waliin akka furu gargaaruun sirna rakkoo furuu dagaagsaa jira jedhe Manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa.

Godinichatti bara kana akka waliigalaatti dhimmoota kuma 67 fi 539 dhiyaatan keessaa dhimmoonni kuma 66 fi 724 karaa Mana Murtii Aadaa fala argachuu Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Godinichaa Bukaar Kadiiroo Faanaa Miidiyaa Korporeeshiinitti himaniiruu.

Kunis baasii abbootiin dhimmaa baasuu malan birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 33 fi kuma 600 olitti tilmaamamu hambisuu danda’eera jedhan.

Aanaalee 21 fi bulchiinsa maagaalaa 2 keessatti waliigalaan manneen murtii aadaa 604 ijaaramuun tajaajila kennaa jiraachuu Obbo Bukaar Kadiiroo eeraniiruu.

Manneen Murtii Aadaa haawaasni Woldhabdee isaa karaa aadaa fi duudhaa isaa ganamaan furachuun sirni rakkoo kamiiyyuu woliin furuu akka dagaagu gargaaruu ibsaniiru.

Hawaasni aadaa fi duudhaa isaatti deebi’uun woldhabdee kamiiyyuu karaa aadaan furatee nagaa akka buusu, hojii misooma irrattis akka xiyyeeffatuuf gargaareeras jedhan.

Akka ibsa isaaniitti akka Godinichaatti tajaajilli mana murtii aadaa mana murtii idileetti deddaabi’uu abbootii dhimmaa %15’n hir’iseera.

Nageessoo Kadiir tu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.