Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa galmeewwan kuma 100 fi kuma 90 oliif furmaata kenne

Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa bara baajataa 2017’tti galmeewwan kuma 100 fi kuma 90 fi 347’f furmaata kenne jedhe.

Manni murtichaa bilisummaa, walabummaa, iftoominaafi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa cimsuurratti bu’aa jajjabeessaa galmeessisuus eereera.

Tajaajiloota teeknooloojiin deeggaruufi tumsa biyyaalessaafi idil-addunyaa guddisuuf hojiin hojjetames bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu yaadachiiseera.

Gama biraan Manneen Murtii Federaalaa bu’uura labsii lakkoofsa 1234/2013 keeyyata 38’n ulfaatinni tajaajila abbaa seerummaa abbootiin seeraa kennan ilaalcha keessa galchuun boqonnaan akka isaan barbaachisu raggaasifameera.

Bu’uuruma kanaan Hagayya 1 irraa eegalee hanga Fulbaana 30’tti gariin akka cufamuuf akkaatuma ragga’een Manneen Murtii Hagayya 1, 2017 irraa eegalee gariin cufamuu himeera.

Yeroo kanatti ol iyyannoowwaniifi galmeewwan murtoof gahan kanneen ariifachiisoofi yeroon itti hin laatamne, mirgaafi misooma biyyaa irratti dhiibbaa uuman irratti adeemsi qorachuun murtoo kennuu kan itti fufu ta’uus ibseera.

Ol iyyannoowwaniifi gaaffileen biroon Onkoloolessa 1, 2018 irraa eegalee dhiyaatan dhaddacha idileen kan keessummeeffaman ta’uun ibseera.

Galmeewwan wayita boqonnaa gannaa murtoo argatan ammoo Onkoloolessa 3-7, 2018’tti qaamolee walfalmaniif dhaddacharratti kan ibsaman ta’uunis eereera.

Guyyoottan kanatti abbootiin dhimmaa akka dhiyaataniifi murtoo dhaggeeffataniif bilbilaan yookaan ammoo karaa ergaa gabaabaan hanga Fulbaana 8, 2018’tti murtoo kenname akka beekan kan taasifamu ta’uu Manni Murtichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

Waggaa itti aanutti manneen murtii tajaajila abbaa seerummaa si’ataa, bu’aa qabeessaafi waliin gahiinsa qabu kennuun olaantummaa seeraa akka mirkaneessaaniif hammattoowwan seeraafi hanqinaalee hojimaataa adda baasuun xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uus ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.