Maree biyyaalessaa keessatti gaheen hayyootaa cimee akka itti fufu gaafatame
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017(FMC )- Adeemsa maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaheen hayyootaa cimee akka itti fufu Komishiniin Maree Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse.
Mariin biyyaalessaa bu’aa barbaadamu akka argamsiisuuf gaheen hayyoota olaanaa ta’uun ibsameera.
Komishiniin Maree Biyyaalessaa adeemsa maicharratti galtee walitti qabuufi caalmaatti akkaataa waloon hojjechuun danda’amurratti haayyoota waliin mari’achaa jira.
Maricharratti Komishinar Malaakuu Waldamaariyaam akka jedhanitti, adeemsi marichaa sadarkaa biyyaalessaatti akka eegamuufi bu’aa argamsisu keessatti gaheen hayyoota olaanaadha.
Sadarkaa mariin biyyaleessaa amma irra jiruuf gaheen hayyootaa fi yaadni hoggantootaa cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.
Komishinichi hayyoonni yaa’ii marii biyyaalessaa fuulduratti gaggeeffamurratti hirmaannaa bal’aa akka taasisaniif haaloota mijeessaa jiraachuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.