Mareen biyaalessaa carraa Itiyoopphiyaa gara fuulduraarratti ga’ee guddaa qaba
Finfinnee, caamsaa 24, 2017 (FMC) – Carraa Itiyoophiyaa gara fuula duraa fooyyessuu fi aadaa rakkoolee mareen furuu guddisuuf mareen biyyaalessaa ga’ee guddaa qaba jedhan hirmaattonni sagantaa ajandaa walitti qabuu Dhaabbilee fi waldaalee Federaalaa.
Boqonnaan ajandaa walitti qabuu Dhaabbilee fi Waldaalee sadarkaa Federaalaa Komiishinii Maree Biyaalessaa Itiyoophiyaa guyyaa sadaffaa isaa qabateera.
Adeemsa hanga ammaatti jiruun dhaabbilee fi waldaaleen Federaalaa 38 ajandaawwan isaanii karaa bakka bu’oota isaanii dhiyeessaniiru.
Hirmaattonni marichaa TOItti akka himanitti, rakkoolee yeroo adda addaatti biyyattiitti mudataniif furmaata waaraa kennuuf aadaa maree guddifachuun barbaachisaa dha.
Mareen biyyaalessaa gama kanaan waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi biyye wayyituu dhaloota dhaalchisuuf ga’ee guddaa ni qabaata.
Dhimmoota falmisiisoo mareen furuunis mallattoo qaroominaa ti jedhan.
Mareen kun Itiyoophiyaa keessatti aadaa mari’achuu cimsuu fi lammiioleen gaaffii qaban karaa nagaan dhiyeessuu akka danda’aniif bu’uura kan kaa’eedhas jedhaniiru.
Qorataan seenaa Pirofeesar Adam Kaamiil gama isaaniin dargaggoonni waa’ee guddina Itiyophiyaa fi dhiibbaa isheen addunyaa irratti qabdu irratti beekumsa ga’aa akka qabaataniif hojjechuu qabnaa himan.
Dhaloonni biyya guddoo abbootiin nutti kennan eeguu fi misoomsuun akka tursiisuuf aadaa rakkolee karaa tasgabbaa’aan hiikuu guddifachuu akka qabus hubachiisan.
Boqonnaan ajandaa walitti qabuu Komiishinii Maree Biyyaalessaa dhaabbilee fi waldaalee Federaalaa hirmaachise kun har’a xumurama jedhamee eegama.