Mareen biyyaalessaa waliigalteen rakkoolee waaraan furuuf kan dandeessissuudha – Komishinicha
Finfinnee, Hagayya 11, 2017(FMC) – Mareen biyyaalessaa lammiilee biyyattii hunda hirmaachisuun waliigalteen rakkoolee waaraan furuuf kan dandeessissuudha jedhan Komishinarri Komishinii Maree Biyyaalessaa Bileen Gabramadin.
Mata duree ‘Bu’aa qabeessummaa Maree Biyyaalessaaf gahee Qaama miidhamtootaa’ jedhuun mariin qaama miidhamtoota hirmaachise Magaalaa Bahirdaaritti gaggeeffameera.
Dhimmoota waldhabdeef sababa ta’an adda baasuun irratti mari’achuun waaraan furuun murteessaa ta’uu Komishinar Bileen maricharratti ibsaniiru.
Kanaafis qaamni ajandaa qaba jedhe hundi dhiyeeffachuun hojiin ajandaa walitti qabuu raawwatamaa jiraachuu kaasan.
Adeemsa kana keessatti qaama miidhamtoonni bal’inaan hirmaachuun ajandaan isaanii akka hammatamu taasiifamuu dubbatan.
Milkaa’ina marichaaf qaamni hundi gahee isaa akka bahatu gaafachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.