Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa Itiyoophiyaa furuuf furmaata isa xumuraati- Hayyoota

Finfinnee, Hagayya 14, 2017(FMC)- Mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa Itiyoophiyaa furuuf furmaata isa xumuraati jedhan Hayyoonni.

Yeroo garaagaraatti rakkoo siyaasaa biyyattii furuuf tooftaaleen garaagaraa yaalamaniiru kan jedhan hayyoonni kunneen, haa ta’u malee bu’aa qabatamaan osoo hin argamiin hafuu ibsaniiru.

Rakkoo siyaasaa biyyattii baroota lakkoofsise kana furuuf mariin biyyaalessaa furmaata isa xumuraati jedhan Yuuniivarsiitii Siiviil Sarvisii Itiyoophiyaatti hayyuun Nageenyaafi Bulchiinsaa Dooktar Margituu Dabalaa.

Mariin Biyyaalessaa karaa diimookiraatawaa ta’een hirmaachisummaan isaa kan mirkanaa’e ta’uu kaasanii, qaamoleen ajandaalee garaagaraa qabanis gara mareetti fiduun barbaachisaadha jedhan.

Waldaa Abukaatoo Oromiyaatti Ogeessa Seeraa kan ta’an Dooktar Fiixumaa Toleeraa gama isaaniin, mariin biyyaalessaa gaaddisa dhibdeewwan siyaasaa biyyattii itti furamuu danda’an akka ta’e himan.

Abbaan rakkoo furamuun qaba jedhu gaaddisa kana jalatti dhimma isaa dhiyeeffachuun yaada biyya fayyadu irratti waliigaluun barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.

Biyyi yoo jiraatte namni jiraata kan jedhan Dooktar Fiixumaan, hundi dhimma biyyaaf dursa kennuun barbaachisaa ta’uus ibsan.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Beetel Malkaamuu ammoo gama isaaniin, seenaa biyyattii keessatti waldhabdeewwan siyaasaa humnaan furuuf yaalamaa akka ture kaasanii, yeroo ammaa biyyattiin yeroo jalqabaaf rakkoolee siyaasaa furuuf marii biyyaalessaa eegaluun kan jajjabeeffamuu ta’uu ibsaniiru.

Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Leenjisaa Seeraa kan ta’an Shaambal Hordofaan, waldhabdeen siyaasaa rakkoo yeroo dheeraa biyyattii ta’uu yaadachiisuun, humnoonni siyaasaa karaa ilaa fi ilaameen dhimma isaanii hiikkachuu qabu jedhan.

Adeemsa marii biyyaalessaa eegalame kana milkeessuuf lammiin hundi barbaachisummaa isaa hubachuun qooda isaa bahachuu akka qabu hayyoonni kunneen dhaamaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.