Michummaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee itti fufe…
Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Chaayinaan guddina diinagdee Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabdi jedhan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Miyaa’oo Deeyuu.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Miyaa’oo Deeyuu waliin haala hariiroo biyyoottan lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shideen wayita kana michummaan biyyoota lameenii bu’uura waliigaltee Chaayinaa-Afrikaa 2024’n hojiirra oolaa jiraachuu ibsan.
Hariiroo gabaa Afrikaa, Chaayinaa fi Addunyaa ni cimsa jedhamee kan eegamu Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu dabalatee karoorawwan bu’uuraalee misoomaa biyyaalessaa irratti ibsa kennaniiru.
Miyaa’oo Deeyuun gama isaaniin guddina diinagdee Itiyoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin galmeessite dinqisiifachuun, biyyi isaanii guddina diinagdee Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu ibsan.
Kana malees qaamoleen lameen gahee Itiyoophiyaan nageenyaafi tasgabbii akkasumas walitti hidhamiinsa naannawichaatti qabdurratti mari’achuu Ministeerri Maallaqaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia