Fana: At a Speed of Life!

Midrook meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 olii deeggarsa taasise

Finfinnee, Adoolessa 7, 2017 (FMC) – Gareen Invastimantii Midrook meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 ol baasan deeggarsa taasise.

Meeshaaleen kunneenis meeshaalee yaala Fayyaa dhiqaa Kaleef oolan ta’uutu ibsame.

Dhaabbatichi maashinoota dhiqaa Kalee 20 fi siree ciisichaa ammaayyaa 10 dhiyeessuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Kunis dhiqaa kalee yaalamtoota 180 waggoota sadiif kan gargaaru ta’uu kaasan.

Namoota kaffalanii yaalamuu hin dandeenye 144 Hospitaala Hundagaleessa Addaa Zawdituu fi Minilikitti waggaa waggaan hanga Birrii miiliyoona 25 ramaduun tajaajjilli yaala bilisaa kennamaa jiraachuu eeran.

Tajaajilli yaala dhiqaa Kalee waggaa 5 dura eegalamuus yaadachiisan.

Deeggarsi har’aa kun tajaajilicha dachaan guddisuuf qood qabaachuu dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.