Miidhaa dubartootaafi daa’imman irra gahu ittisuun itti gaafatamummaa hawaasa hundaati
Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC) – Miidhaa dubartootaafi daa’imman irra gahu ittisuun itti gaafatamummaa hawaasa hundaati jedhe Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa.
Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa miidhaa dubartootaafi daa’immanirratti raawwatamu akkaataa ittisuun danda’amurratti qooda fudhatootaafi bakka bu’oota qaamolee hawaasaa garaagaraa waliin Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti mari’ateera.
Sagantaa kanarratti Hoggantuu Itti Aantuun Biirichaa Aadde Sarkaalam Saakumee miidhaawwan dubartootaafi daa’immanirratti raawataman ittisuurratti hojiileen hojjetamaa jiran gaarii ta’anis, miidhaawwan qaqqabaa jiran ammallee xiyyeeffannaa qaamolee hawaasaafi qooda fudhatootaa hundaa barbaada jedhan.
Miidhaawwan daa’immanirra ga’an irra guddaan maatiirraa waan ta’eef maatiin daa’imasaa sirnaan to’achuufi hordofuun daandii naamusa sirriin guddisuu akka qabu ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Dhaloonni safuufi duudhaa Oromoo ganamaatti akka deebi’uuf abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee akkasumas dureewwan amantaa hundi ciminaan barsiisuu akka qabanis Aadde Sarkaalam dhaamaniiru.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Magaalaa Shaggar Aadde Liidiyaa Caalii gamasaanitiin miidhaan koorniyaa shamarranirratti raawwatamuufi ajjeechaan daa’immanirratti raawwatamu, daa’imman bakkeetti gatamuuniifi reebicha cimaa irraan ga’uun ammas bal’inaan waan jiruuf sektaroota dhimmi ilaalu waliin ta’uun ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Hawaasni miidhaawwan daa’immanirratti raawwatamu kamuu saaxiluu akka qabu gaafatan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.