Miidhaa sababa balaa uumamaan qaqqabu dandamachuuf hawaasni akka waltumsu dhaamame
Finfinnee, Caamsaa 5, 2017(FMC) – Rooba cimaa yeroo ammaa ittifufiinsaan roobaa jiru hordofee Godina Arsii Lixaa aanaa Kokossaa gandoota lama keessatti balaa bakakkaa uumameen beelladootaa fi qabeenya irra miidhaan qaqqabeera.
Buusaa Gonofaa Oromiyaatti, Ittigaafatamaan Damee Kokossaa obbo Buzunaa Galgaloo Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, balaan bakakkaa gandoota Araarsoo fi Wayyoo keessatti Caamsaa 4, 2017 waaree booda rooba cimaa hordofee uumamee loowwan 8 fi lubbuu daa’ima tokkoo yoo galaafatu, manni tokkos gariin gubateera.
Sababa balaa kanaanis, qabeenyi qarshii kuma 300 caalu manca’uu Obbo Buzunaan himaniiru.
sababa balaa kanaan maatii miidhaan irra ga’e hawaasanii karaa aadaatiin akka walgargaaru hawaasa mariisisuu himanii, karaa Buusaa Gonofaatiinis deggersi kan kennamuuf ta’uu dubbatan.
Balaan akkanaa aanaa kanatti uumammee akka hinbeekne kan eeran obbo Buzunaan, gara fuula duraattis miidhaa walfakkaataan akka hingeenye uummanni akka ofeeggatu dhaamaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin