Miidirook Itiyoophiyaatti daldala qinxaaboo idil addunyaa jalqabaa beeksiise
Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) – Miidirook Itiyoophiyaatti daldala qinxaaboo idil addunyaa isa jalqabaa guddaa jedhame beeksiseera.
Miidirook Itiyoophiyaa jalatti kan argamu Suuppar Maarkettiin Quwiinsi Itiyoophiyaatti daldala qinxaaboo idil addunyaa isa jalqabaa guddaa jedhame beeksiseera.
Suuppar Maarkettiin Quwiinsi dhaabbata daldala Qinxaaboo idil addunyaa Kaarfoor jedhamu waliin Itiyoophiyaatti daldala qinxaaboo ammaayyaa damee daldalaan jijjiirama olaanaa uumu moggaasa daldalaa fi hojmaata guutuu waliin qoodachuu fi tumsaan dhiyeessuuf waliigaluutu ibsame.
Waliigaltichi oomishaalee biyya keessaa daldala idil addunyaa fi sadarkaa qulqullina idil addunyaan walsimsuu, oomishaaleen Itiyoophiyaa ulaagaa idil addunyaa akka guutanii fi gabaa alaa keessatti dorgomaa akka ta’an carraa kan uumuudha jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Miidirook Invastimanti Giruuppi Jamaal Ahimad.
Moggaasa isaa gara Kaarfooritti kan jijjiiru Suuppar Maarkettiin Quwiinsi Baatii Waxabajjii dhufu keessa tajaajila eegala jedhan.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Paartinershiippi Internaashinaal Kaarfoorii Paatiriik Laasfaarguus gama isaaniin, dhaabbata daldala qinxaaboo Itiyoophiyaatti maqaa gaarii qabu Suuppar Maarkettii Quwiinsi waliin hojjechuu kootti gammadeera jedhan.
Hanga bara Faranjootaa 2028tti Kuusaawwan Qinxaaboo 17 dabalataan banuuf karoorfamuu dubbatan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.