Miidiyaa fi Kominikeeshiniin beekumsaa fi hubannoon hogganamuu qaba- Obbo Hayiluu Addunyaa
Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC)- Hoggansi hojii Miidiyaa fi Kominikeeshinii beekumsaa fi hubannoon masakamee bifa tarsiima’aa ta’een hogganuu qaba jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa maqaa gaarii naannichaa fi biyyaa saffisa olaanaan jijjiirrama galmaa’aa jiru waliin tarkaanfachuun hojiin kominikeeshinii fi miidiyaa bu’a qabeessi akka hojjetamuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuus obbo Hayiluun ibsaniiru.
Naannichatti hoggansii fi ogeessi Kominikeeshinii sadarkaan jiru haala qabatamaa jiru beekee tarsimoo, sagantaa fi karoora mootummaa irraa uummata fayyadamaa taasisuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti deeggarsaa fi hordoffii taasisaa turuu yaadachiisaniiru.
Ciminoota itti fufsiisuu fi hanqinoota hojiirratti mul’atan maksuufis leenjiin ajandaan hojii miidiyaafi kominikeeshinii hogganuuf ergaan masakuu, yaadaafi fedhii uummataa beekuun fayyadamummaa isaa mirkaneessuufi beekumsa kominikeeshinii Siyaasaa gonfachuun hojjechuu irratti xiyyeeffate hoggansa sadarkaan jiruuf kennamaa jiraachuu himaniiru.
Xiyyeeffannoon leenjichaas hoggansi galmoota gurguddaa akka biyyaatti qabaman milkeessuuf hojii kominikeeshiniifi miidiyaa beekumsaafi hubannoon akka hogganu dandeessisuudhas jedhaniiru.
Hojiin kominikeeshiniifi miidiyaa taateen hogganamuu keessaa gara ajandaa kennuufi hogganuu danda’uutti ce’uu qaba jedhan.
Kanaafis kutannoo fi qophaa’ummaan hoggansaa murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Leenjiifi qorannoon hojii miidiyaa fi kominikeeshinii guyyoota Lamaaf turu magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu eegaluu ragaan Biirichaa ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.