Miidiyaan misooma babal’isuu, jaalalaafi obbolummaa cimsuu keessatti shoora olaanaa qaba- Obbo Admaasuu Daamxoo
Finfinnee, Fulbaana 24, 2018(FMC)- Miidiyaan misooma babal’isuu, jaalalaafi obbolummaa cimsuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Admaasuu Daamxoon.
Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Irreecha bara 2018 sababeeffachuun Konsartii addaa Irreechaa qopheesseera.
Obbo Admaasuu Daamxoo haasawa konsartii kanarratti taasisaniin, Faanaa Miidiyaa Korporeeshin guyyaa addaa kana bifa addaan akka waliin kabajnuuf konsartii addaa kana qopheesse jedhaniiru.
Irreechi tokkummaa kan cimsu, olka’iinsa biyyaa kan mirkaneessu jedhan.
Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Irreecha bara 2018 sababeeffachuun konsartiin addaa Irreechaa qopheesse duudhaa obbolummaafi waliin jireenyaa sabaafi sablammootaa caalmaatti beeksisuuf ta’uu ibsan.
Dhaloonni boodaa dhufu aadaafi duudhaa uummata isaa akka baru gochuu keessatti miidiyaan qooda olaanaa qabaachuufi aadaa guddaa kana addunyaatti beeksisuun kaayyoo konsartii kanaa ta’uu ibsan.
Faanaa Miidiyaa Korporeeshin sabdaneessa ta’uu eeranii, afaanota sagal oliin tamsaasa isaa kan dabarsu ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.