Milkaa’ina gaaffii Ulaa Galaanaaf Lammiileen hundi tumsuu qabu – Hayyoota
Finfinnee, caamsaa 10, 2017 (FMC) – Mirga biyyattiin ulaa galaanaa argachuuf qabdu dhugoomsuuf hojiin mootummaan hojjechaa jiru akka milkaa’uuf lammiieen hundi qooda irraa eegamu gumaachuu akka qaban hayyoonni hubachiisan.
Itiyoophiyaan kaleessa ulaa galaanaa karaa seera qabeessaan qabaachaa akka turtee fi mirga isheen uumamaan qabdu kana dhabsiisuuf biyyoonni adda addaa bara 1880 eegalee dhiibbaa gochaa akka turan seenaan akka ifoomsu hayyoonni ibsaniiru.
Yuuniivarsiitii Madda Walaabuutti Qorataa fi Barsiisaa Seenaa fi Dabaree kan ta’an Tsaggaayee Morodaa Faanaa Diiitaalitti akka himanitti, biyyoonni akka Ijipti, Xaaliyaanii fi kanneen biroon biyyattiin ulaa galaanaa akka hin qabaanneef ALA bara 1880’taa kaasee dhiibbaa gochaa turaniiru.
ALI Bara 1983 irraa eegalee ammoo mirga ishee kabachiifattee turuu utuu dandeessuu sababa dogoggora yeroo sana uumameen guutummaatti ulaa galaanaa dhabuuf dirqamteetti.
Kunis biyyattiin daladala ba’ii fi galii irratti baasii hin malle akka baastuuf dirqisiisuu irra darbee, olaantumma biyyaa, guddina dinagdee fi mirga lammiilee irratti dhiibbaa fiduus ibsaniiru.
Gaaffii mootummaan amma mirga biyyattii deebisuuf dhiyeessaa jiru ija seenaa fi seeraan sirrii dha kan jedhan ammoo Qorataa Saayinsii Siyaasaa kan ta’an Pireezidaantii Itti Aanaa Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaa Mul’ataa Huseen.
Gaaffii eegalame kana milkeessuuf Mootummaan dippilomaasii fayyadamummaa waloo irratti hundaa’e mirkaneessuuf hojii eegale cimsee akka itti fufu kan hubachiisan hayyoonni kunniin, guddina dinagdee eegalame cimsuun, nageenya biyya keessaa guutummaatti mirkaneessuu fi biyyoota ollaa wajjiin hariiroo naga qabeessi akka jiraatuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Lammiileen Itiyoophiyaa alaa fi keessa jiranis gama hundumaan mootummaa cina hiriiruun deggersa isaanii mul’isuu qabu jedhan.
Keessumaa Paartileen siyaasaa biyya keessaa fi alaa kaayyoon isaanii kan dhugoomu yoo biyyi jiraattee waan ta’eef, garaagarummaan siyaasaa utuu isaan hin daangessiin mirgi biyyattiin gama ulaa galaanaatiin qabdu deebi’ee faayidaan biyyaalessaa akka mirkanaa’uuf mootummaa cina hiriiruun deggeruu akka qabanis obbo Tsaggaayyee Morodaa fi Obbo Mul’ataa Huseen hubachiisaniiru.
Ilaalcha dhuunfaa fi gartuu siyaasummaa bu’uureffachuun diinota guddina biyyattii waliin tumsuun gaaffii kana dura kanneen dhaabbachuuf yaalaa jiran dogoggora seenaa ta’uu hubatanii gara daandii dhugaatti deebi’uu akka qabanis dhaamaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin