Milkaa’ina imala guddinaa Itiyoophiyaaf nageenya cimsuun itti gaafatamummaa hundaati- Obbo Mahaammad Idiriis
Finfinnee, Hagayya 4, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Mahaammad Idiriis milkaa’ina imala guddinaa Itiyoophiyaaf nageenya cimsuun itti gaafatamummaa hundaati jedhan.
Waltajjiin marii hoggantoota damee nageenyaa naannoleefi bulchiinsota magaalaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Obbo Mahaammad Idiriis waltajjii kanarratti akka jedhanitti, nageenyaafi misooma walitti qindeessuun hojjechuun barbaachisaadha.
Ijaarsa biyyaaf hundi qooda isaa bahachuu akka qabu yaadachiisuun, guddina biyyaa mirkaneessuuf dameewwan hunda keessatti hojiimaanni qindaa’aan barbaachisaa ta’uu ibsan.
Gahee dhaabbileen amantaa ijaarsa nageenyaaf qaban fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu fi sirnoota aadaa rakkoolee furuuf itti fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Dhaloota egereef biyya badhaadhina hunda galeessa mirkaneessite dabarsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.