Milkaa’inni misooma qamadii Itoophiyaa Afrikaaf fakkeenya ta’a – Olusegun Obaasaanjoo
Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017 (FMC) – Milkaa’inni Ityoophiyaan misooma qamadiitiin galmeessisaa jirtu biyyoota Afrikaa hafaniif fakkeenya ta’a jedhan Pireezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjoo.
Walgahii Waggaa 32ffaa Baankii Misooma Afrikaa (AfDB) yeroo ammaa Naayijeeriyaa magaalaa Abujaatti adeemsifamaa jiru irratti haasaa taasisaniin, guddina Afrikaa hunda hammate galmaan ga’uuf hoggansa gahumsa qabu kennuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Afrikaa warraaqsi qonnaa akka barbaachisu eeruun, milkaa’inni Itiyoophiyaan misooma qamadii irratti galmeessite biyyoota Afrikaa hafaniif fakkeenya ta’a jechuun jajaniiru.
Itiyoophiyaan qamadii gara biyya alaatti erguu danda’uun ishee biyyoonni Afrikaa biroos akkasuma gochuu akka danda’an fakkeenya ta’uu ibsuun, akka ardiittis milkaa’ina biyyoota birootti babal’achuu qabu ta’uu ibsaniiru.
Guddina Afrikaa mirkaneessuuf walitti daldaluu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, ardii kanarratti guddina hunda galeessa galmaan ga’uuf hoggansa gahumsa qabu kennuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Hoggansi sadarkaa sadarkaan jirus naannoo bulchaa jiru beekee, imaammataa fi tarsiimoodhaan gargaaramee yoo hooggane haaromsa Afrikaa mirkaneessuu fi jireenya ummataa fooyyessuun akka danda’amus hubachiisaniiru.
Ityoophiyaan qamadii gargaaramuu keessaa baatee gara alaatti erguu irra kan geesse hoggansa gahumsa qabu misooma irratti xiyyeeffate kennuu waan dandeesseef jedhanii akka amananis dubbataniiru.
Daldalli waliin waliinii daldala ardiilee biroo waliin godhamu irraa xiqqaa ta’uu cimsanii kan dubbatan yoo ta’u, daldalli waliin waliinii kun cimuu akka qabu hubachiisaniiru.
Kanaafis teeknooloojii ammayyaatiin fayyadamuun jijjiirraan idil-addunyaa kan biraa osoo hin barbaachisin haalli ittiin walitti daldalchuun danda’amu uumuun dandfa’ameeras jedhan.
Fakkeenyaaf, Yugaandaan aannan baay’inaan oomishtu bakka hanqina guddaa jiru Naayijeeriyaaf dhiyeessuu eegaluu ishee eeraniiru.