Minisira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan simachuu kootti gammadeera – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC) – Minisira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan simachuu kootiin gammadeera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Minstirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Daawwannaan isaanii walitti dhufeenya biyyoota lamaan gidduutti guddachaa dhufe kan argisiisu yoo ta’u, mareen keenya dhimmoota jalqabaa waliinii keenyaarratti tumsa keenya caalmaatti kan ittiin cimsinu akka ta’u nan abdadha jedhan Dooktar Abiy.
Naareendiraa Moodiin gama isaaniin simannaa kabajaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun naaf taasisaniif galanni koo guddaadha jedhan.
Itiyoophiyaan biyya seenaa fi aadaa guddaa qabdu ta’uu ishee kaasan.
Hindii fi Itiyoophiyaan ammoo hariiroo qaroominaa cimaa ta’e qabaachuu dubbatan.
Hariiroo seenaa qabeessa kana caalmaatti cimsuuf hoggantoota Itiyoophiyaa waliin mari’achuuf qophaa’eera jedhan.
Hariiroon Dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Hindii bara Faranjootaa1948 irraa kan eegale yoo ta’u, daawwannaan Ministira Muummee ammaa kun hariiroo kana sadarkaa olaanaatti ol guddisuun eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.