Ministeerichi Aliyaansii Soolaarii Idil Addunyaa waliin waliigaltee mallatteesse
Finfinnee, Hagayya 7, 2017 (FMC) –Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Aliyaansii Soolaarii Idil Addunyaa waliin waliigaltee Madda Soolaarii xixxiqaa kiloowaatii sa’aatii 700 fi Paarkii Soolaarii Meegaa waatii 400 dhiyeessuuf deeggaru mallatteesseera.
Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Sulxaan Waalii , Itiyoophiyaan humna Aduurraa anniisaa maddisisuuf dandeettii qabaatuus hanga ammaatti damicharraa anniisaan argattuu meegaa waatii 10 gadii jedhan.
Mandaroonni kutaalee biyyatii sarara guddicha irra fagatanii jiran anniisaa argachuu kan hin dandeenye ta’uu ibsaniiru.
Naannawaalee kannenitti anniisaa haaroomfamaa waliingahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasanii, waliigalteen har’a taasifamees qaama kanaati jedhan.
Itiyoophiyaatti paampii anniisaa Soolaariin hojjetu waliin gahuun qonna ammayyeessuu akkasumas anniisaa gaazii karboonii zeeroo taasise babal’isuun faalama qilleensaa ittisuufis hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota miseensaa 124 kan qabu Dhaabbanni Aliyaansii Soolaarii Idil Addunyaa ,waggoottan arfan darban teeknooloojii Soolaarii babbal’isuuf hojjechaa jiraachuun eerameera.
Yismaawu Adaraawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.