Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Appilikeeshinii bilbilaa fayyummaa koo jedhu hojiirra oolche

Finfinnee, Sadaasa1, 2018 (FMC) – Ministeerri Fayyaa Appilikeeshinii bilbilaa fayyummaa koo jedhu akka biyyaatti yeroo jalqabaaf hojiirra oolche jedhe.

Bara 2030tti karoora tajaajila fayyaa qabame milkeessuuf hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen sirna eegalchiisa Appilikeeshinicharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Imaammata dhibee dursanii ittisuun hojii hojjetamaa jiru dabalataan yaalamanii fayyuurrattis xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Kunis teeknooloojiin deeggaramee hojjetamaa akka jiru eeran.

Appilikeeshiniin har’a hojiirra oole Teeknooloojii qulqullina olaanaa qabuu fi yaalamtootarratti kan xiyyeeffate ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaaban himaniiru.

Qiddist Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.