Ministeerichi dhaabbilee sadiif eeyyama oomisha Albuudaa kenne
Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) – Ministeerri Albuudaa dhaabbilee sadiif eeyyama hojii oomisha Albuudaa kenne.
Dhaabbilee oomisha Pootaashii, Sibiilaa fi Warqeerratti hojjetaniif eeyyama hojii kenneera.
Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa misoomsuuf tarkaanfilee murteessaa fudhachaa jiraachuu ibsan Ministirri Ministeera Albuudaa Dooktar Habtaamuu Taganyi.
Dhaabbilee kanneeniif eeyyamni hojii kennamuun albuuda sirnaan oomishamuun gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa alaa hambisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qaban ta’uu eeran.
Dhaabbileen kunneen Kaappitaala Doolaara biiliyoona 2 ol Invasti kan godhan ta’uu himan.
Dhaabbanni Invastimantii Holdiingii Itiyoophiyaa oomisha Pootaashii, dhaabbanni ‘ZYTBDIM’ ammoo oomisha Sibiilaa fi Beeroo Maayiniing oomisha Warqeerratti eeyyama argachuu isaanii ibsameera.
Wandimmuu Addunyaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.