Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Konkolaattota, Doqdoqqeewwanii fi Paampiiwwan naannoleef raabse

Finfinnee, Mudde 6, 2018 (FMC) – Ministeerri Qonnaa Pirojeektiiwwan garaagaraatiin kan bitaman konkolaattota hojii dirree 267, Doqdoqqeewwan kuma1 fi 854, paampiiwwan bishaanii kuma 2fi 289 fi meeshaalee tajaajilaa gargaaraa naannoleef deeggarsaan kenneerra.

‎Haaluma kanaan sagantaa sirna nyaataa cimsuun kan bitamanifi hojii dirreef kan oolan Konkolaattota 258, -Doqdoqqeewwan kuma 1 fi 830, Sagantaa Funcaa misooma qamadii jijjiirama qilleensaa dandamatuun kan bitaman, ‎Paampiiwwan bishaan harkisan kuma 2 fi 289 dabalatee meeshaalee suphaaf oolaan Naannolee 12fi Biirolee qonnaa bulchiinsa magaalotaa hundaaf deeggarsaan kenneera.

‎Meeshaaleen deeggarsaan kennaman kunniin Birrii biiliyoona 2 oliin kan bitaman ta’uu ibsamuu TOI gabaaseera.‎

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.