Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Magaalaa Maqaleetti ijaarsa Piroojektii dhabamsiisa dhangala’aa eegalchiise

Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Magaalaa Maqaleetti Piroojektii dhabamsiisa dhangala’aa Birrii biiliyoona 2.24 oliin ijaaramu eegalchiiseera.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa fi Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan Piroojektii waggaa 1 fi baatii 6 keessatti xumuramuuf karoorfame kana eegalchiisaniiru.

Piroojektichi maallaqa Liqaan Baankii Addunyaarraa argameen kan ijaaramu yoo ta’u, dhaabbanni ijaarsaa Asar jedhamu hojii ijaarsaa isaa kan raawwatu ta’uu Raawwatan Komishinikeeshinii fi hariiroo ummataa ministeerichaa Geetinnaat Simeen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.