Ministeerichi Manneen Harka qalleeyyiif ijaarsise dabarsee kenne
Finfinnee, onkololeessa 16, 2018 (FMC) – Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa manneen harka qalleeyyiif tajaajila tola ooltummaa gannaan Magaalaa Hararitti baasii Birrii miiliyoona 20’n ijaarsise fayyadamtootaaf dabarsee kenne.
Ministir Deetaan Ministeerichaa Heelan Dabbabaa, tajaajilli tola ooltummaa gannaa jiruun lammiilee harka qalleeyyii hedduu akka fooyya’uu taasiseera jedhan.
Ministeerichi magaalaa Hararitti baasii Birrii miiliyoona 20’n manneen harka qaleeyyii ijaaruun meeshaalee barbaachiisoo guutuun dabarsee kennuu dubbataniiru.
Fuuldurattis Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa hojii isaa idilee cinaatti hojiilee jiruufi jireenya lammiilee galii gadi aanaa argatanii fooyyeessuu danda’u kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Sadarkaa Pireezidaanti itti aanaatti Hogganaan Biiroo Konistiraakshinii Naannoo Hararii obbo Muktaar Saalih gamasaaniin, sagantichi abbootii warraa saddeet fayyadamoo taasisuu himaniiru.
Mootummaan naannichaas hojiilee tajaajila tola ooltummaa dameewwan garaagaraan hojjechaa jiraachuu ibsuun, hojii qulqullinaa fi ariitiin Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa hojjeteef galateeffataniiru.
Tasfaayee Hayiluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.