Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessisu sirna diijitaalaa eegalchiise

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2018 (FMC) – Ministeerri Dhimma Alaa hojimaata dhaabbatummaa ammayyessuun tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessisu sirna diijitaalaa eegalchiiseera.

Ministeerichi Inistiityuutii hubannoo namtolchee waliin ta’uun bulchiinsa sanadaa fi kuusaa Diijitaalaa gabbise sirna hojimaata waraqaa maleessaa har’a ifoomseera.

Qaama riifoormii kan ta’e hojimaata diijitaalaa hojiirra oolchuu eegaluu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos himaniiru.

Sirni bulchiinsa Sanadaa fi kuusaa kun hojimaata qabiinsa odeeffannoo waraqaan ture hambisuun tajaajila si’ataa ta’e uumuuf kan dandeessisu ta’uu kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.