Ministeerri Dhimma Alaa Tajaajila mirkaneessa ragaa diijitaala eegale
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC)- Ministeerri Dhimma Alaa teeknooloojii tajaajila mirkaneessa ragaa diijitaalaan kennuuf dandeessisu ifoomseera.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen wayita kanatti haasawa taasisaniin, hojimanni diijitaalaa ministeerichi eegalchiise Itiyoophiyaanotaa fi Dhalatoota Itiyoophiyaaf tajaajila saffisaa kennuuf kan dandeessisuudha jedhan.
Diijitaalayizeeshinii dhaabbatummaa dhugoomsuun tajaajila waraqaarraa bilisaa kennuu ta’uu eeruun, Itiyoo Teeleekoom waliin ta’uun tajaajila ’Tele sign” jedhamuu ifoomsuu dubbataniiru.
Tajaajilli mirkaneessa sanadootaa kun Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa, mallattoo dijitaalaa, fi mirkaneessa viidiyoo hubannoo namtolchee kan fayyadamu yoo ta’u, faayidaan hawaasummaa fi diinagdee isaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Ministeerichi tajaajilicha eegaluu hordofee tajaajila mirkaneessa ragaa karaa Onlaayinii qofa kennuu eegaluu beeksiseera.
Hoji Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu gamasaaniin, tajaajilli mallattoonTeelee Diijitaala miiliyoonotaaf boqonnaa kan kennuudha jedhan.
Kunis rakkoolee damee tajaajilarratti mul’atan furuun lammiilee fi dhaabbilee fayyadamoo taasisa jedhan.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia