Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Tuurizimii sagantaa Imalli gara Biyyaatti jedhu ifoomse

Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2018 (FMC)- Ministeerri Tuurizimii dhalattoota Itiyoophiyaa gara biyya alaatti guddifachaan fudhatamaniif sagantaa “Imalli gara biyyaatti” jedhu qopheesseera.

Kaayyoon sagantichaa dhalattooti Itiyoophiyaa guddifachaan fudhatamanii biyya alaa jiraatan biyya isaanii akka daawwatan fi hambaalee akka beekan dandeessisuu dha jedhame.

Akkasumas lammiileen guddifachaan fudhatamanii biyya alaa jiraatan sagantaalee aadaa irratti hirmaachuun aadaa hedduu biyya isaanii akka beekaniif gargaara jedhame.

Sagantichaa kan eegalchiisan Ministir- deetaan Tuurizimii Dooktar Indaganaa Abbabaa, sagantichi umurii kichummaa irratti eenyummaa fi ka’umsa isaanii utuu hin beekin guddifachaan gara biyyoota adda addaatti kan fudhataman gara biyya haadha isaanitti akka deebi’aniif carraa kennuuf kan qophaa’e jedhan.

Aadaa, eenyummaa fi seenaa isaanii akka beekan, maatii isaanii barbaaduu fi argachuu akka danda’an, beekumsa qabanis akka qoodan kaayyeffatee kan qophaa’e ta’uus dubbatan.

Saganticha Ministeerichi, Tajaajilli Diyaaspooraa Itiyoophiyaa, Komiishiniin Tuurizimii Finfinneefi pirodaakshiniin Suur-sagalee Harag Dhalattoota Itiyoophiyaa Siwidin jiraatan waliin kan qopheessan ta’uun eerameera.

Yeshaambal Mihirattu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.